The book is all about African indigenous knowledge, wisdoms, faith, social systems, specially focusing on Oromo Gada System. It also gives insights to indigenous state formation.
i.e. Telling African wisdoms and indigenous systems to the world!
================
Kitaabni kun boqonnaa adda addaa jalatti mata-dureewwan garaagaraatin qindaa’ee dhiyaate. Boqonnaan jalqabaa maalummaa Sirnaa waliigalaan ibsuuf yaala. Kana malees waa’een sirna Uumamaa, Sirna Aadaa/Sirna Xabboo fi Sirna Siyaasaa boqonnaa duraa kana jalatti bal’inaan ibsameera.
Boqonnaawwan itti aanan sirnoota kolonii fi maalummaa Impaayeraa irratti akka addunyaatti, akka Arikaatti fi akka Xoophiyaatti yaadota heedduutu ragaan deeggaramee ka’e.
Akkasumas gara walakkeessa kitaaba kanaatti seenaa Wiirtuwwanii (Muudaa fi Bokkuu), hariiroo Sirna Gadaa fi Dhugeeffannaa Oromoo, hariiroo Gosaa fi Gadaa, akkasumas Dhaha Oromoo irratti yaadotni hubannoo mataa kootii fi ragaalee adda addaatin deeggaraman ka’aniiru.
Gara xumura kitaaba kanaarratti immoo Sirni wiirtuun isaa diigame tokko akkamiin deebi’ee akka diriiruu danda’uu fi waa’ee biyya Oromoo, akkasumas hariiroo biyyaa fi sirnaa irratti yaadotni hubannoo gahaa kennuu danda’an hammatamaniiru.




Reviews
There are no reviews yet.